loader image

Marii Seccii Haqaa fi Duudhaa wal simsiisuu-Ibsa Gaazexaa

Marii Seccii Haqaa fi Duudhaa wal simsiisuu-Ibsa Gaazexaa

Mariin guyyaa tokkoof Dhaabbata Wiirtuu Misoomaa fi Ijaarsa Dandeettiitiin qophaa’e dhimma seccii haqaa fi duudhaa Naannoo Oromiyaa keessatti wal simsiisuu jedhu har’a Mudde 5, 2015 Hoteela Iliillitti adeemsifamaa jira. Sochiin adeemsa marii kun qaama piroojektii mata dureen isaa “Gama ijaarsa dandeettii fi tarkaanfii dadammaqsuutiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti Bulchiinsa Seeraa Cimsuu fi Mirgoota Namaa Tiksuu” jedhuuti. Bajatni piroojektichaa sochii dhaabbata USAID Feteh (Justice) jedhamu irraa kan argamedha.  

Mariin kun gama tokkoon ogeessota sirna seeraa warra aanga’oota caasaa mootummaa keessa jiran; gama birootiin warra duudhaan uummataa isaan harka jirtu – Abbaa GadaaHaadha Siinqee, and Jaarsolii – kan walitti fidedha. Akkasumas ogeessotni miidiyaa (meeshaalee sabqunnamtii), bakka bu’ootni dhaabbilee Hawaasa Siviilii fi namootni bebbeekamootni gama ogummaa ammayyaa fi aadaatiin muuxxannoo bara dheeraa qaban hirmaataniiru. 

Gama haqaatiin Abukaatoon Oromiyaa, Abbootiin Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi warri seera tuman kan Oromiyaa hirmaataniiru. Haala mijeessitootni lama gama haqaa fi aadaatiin kan mariyachiisan jiru. Gama haqaatiin kan haala mijeessu mata duree “Seccii adeemsa haaromsa haqaa fi mirgoota namaa fi qaamota bulchiinsa seera” jedhu irratti barumsa dhiheessa. Haala mijeessaan inni biroo mata duree “Seccii duudhaa fi aadaan Oromoo mirgoota namaa fi bulchiinsa seeraa cimsuu” jedhu irratti mariyachiisa.  

Galmi piroojektichaa hirmaannaa ogeessota miidiyaa cimsuuf gumaachuu; dhaabbilee hawaasa sivilii jajjabeessuu; sekteera haqaa fi dhaabbilee alidilee cimsuu. Itti galli dhimmoota kanaa mirgoota namaa, bulchiinsa seeraa fi nageenya Oromiyaa keessatti jajjabeesuudha.  

Kaayyolee marichaa keessaa tokko duudhaa fi aadaa uummataa walitti firoomsuudhaan sadarkaa adda addaatti haaromsai sekeera haqaa yeroo ammaa mirgoota namaa akka jajjabeessan gochuudha. Bu’aan isaa duudhaa fi aadaa Oromoo irratti hubannoo uumuu dha.      

          Gamni aadaa keessumaa duudhaa fi aadaa adeemsaa haaromsa haqaa keessatti wal simsiisuudha. Duudhaalee kunneen akkamitti akka sirna haqaa keessatti mala ittiin wal simsiisan uumuuf carraaquudha.  

          As irratti gaaffiin jiru duudhaalee fi aadaa sana mala akkamiitiin akka qaama sirna haqaatiin wal fudhachiisamu dha. Warri mariyatan dhimma gama haqaa fi aadaa uummatatiin kaasanii mariyataa jiru.    

Previous ግብረመልሰ እናበረታታለን

Leave Your Comment

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB