loader image

Dhimmoota Mirga Namaa irratti Qaamota Ilaallatu gidduutti Yaada Waliigalaa Uumuuf

Dhimmoota Mirga Namaa irratti Qaamota Ilaallatu gidduutti Yaada Waliigalaa Uumuuf

Dhimmootni mirga namaa hundeeffamuu dhaabbata “Center for Development and Capacity Building” irraa eegalee dhaabbtichaan dhimma dursi kennameefdha.  Akkuma kanaan mirga namaa, nageenyaa fi Bulchiinsa Gaarii guddisuu ilaalchisee miidiyaa hawaasaatti cimsee fayyadamuuf CDCBn ‘hawaasa dargaggootaa qilleensa irraa’ hundeessee jira. Qabiinsa Mirga Nama cimsuu fi dhiibbaa gaarii uumuun akka danda’amutti ji’a Eblaa bara 2015 ji’a itti fayyadama Miidiyaa Hawaasaa (Facebook) jennee   moggaasneerra.  Workishoppiin kun hirmaannaa dorgommii/ qorumsa, informeeshinii haaraa wal jijjiruu fi workishooppota marii ni dabalata. Workishoppiin kun dhimmoota qabiinsa mirga namaa cimsuu fi tiksuudhaan akka ummata ballaa biratti fudhatama argatu gochuuf qaamota ooggantoota furtuu/murteessoo ta’anii fi dargaggoota  gidduutti hojii yaada waliigalaa uumuu keessaa isa tokko.   

CDCBn dhimmoota mirga namaaf dursa kan kenne guutuu biyyaatti nageenyi akka uumamutti gumaachuu fi hawaasa keessaa fi hawaasota gidduutti wal-amantii guddisuudha.  Dhimmootni mirga namaa CDCB fi mootummaa dabalatee qaamota ilaallatu kanneen biroof dursa kan kennamanuudha. Sababni isaas sarbamuun mirga namaa gara jeequmsaatti luucca’a waan ta’eef. Jeequmsi immoo badii lubbuu namaa fi qabeenyaaf sababa ta’a. Badiin lubbuu fi qabeenyaas sababa gadoo/haaloo wal bahuutiin ummatni sababa jeequmsaa akka wal irraa baqatu taasisa.    

Kanaafuu CDCBn arjoomtota wajjin, keessumaa National Endowment for Democracy (NED) fi Dhaabbilee Mootummaa dhimmichi ilaallatu wajjin ta’uudhaan hubannoo ummata gama waltajjii dijitaalaatiin ol guddisuuf ballinaan hojjetaa tureera. Bu’aan workishoppii kanaas gama miidiyaa adda addaatiin dhimmoota mirga namaa ol kaasuuf irra deddeebi’amee tamsaasama jennee gammachuudhaan eegina!

 

Previous በሰብአዊ መብት ጉዳዮች ላይ በባለድርሻ አካላት ዘንድ የጋራ ግንዛቤ መፍጠሪያ ዐውደጥናት

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB