loader image

Xumura leenjii CDCBn guyyaa jahaaf bishooftuu hoteela kiilooleetti kennaa turee fi sosochii leenjitootan hojiitti seenuuf taasifamaa jiru.

Xumura leenjii CDCBn guyyaa jahaaf bishooftuu hoteela kiilooleetti kennaa turee fi sosochii leenjitootan hojiitti seenuuf taasifamaa jiru.

Dhaabbanni center for development and capacity building (CDCB) waltahinsaa fi gargaarsa baajataa dhaabbata National Endowment for Democracy (NED) walta’uun torbee darbe leenjii guyyaa jahaaf turu bishooftuu hoteela kilooletti kennaa turuun isa ani yaadatama. Leenjiicha fudhachaa kan turan hojjettoota CDCB, tola ooltota fi ogeessota midiyaa motummaa fi dhuunfa irraa walitti dhufaniidha. Leenjichi guyyaa jalqabaa dhimma gaggeessummaa fi dhimma olaantummaa seeraa akkasuma guyyaa lammaffaammoo dhimmoota qabiinsa mirga namooma fi bulchiinsa gaarii irratti xiyyeeffachuun ogeeyyota gahuumsaa fi muxannoo olaanaa qabaniin kennamaa turuu amma dura fuula midiyaaa hawwaasaa keenya irratti isinii maaxxansinee turre.

Bu’uruma Kanaan dhimmi guyyaa jalqabaa fi itti aanu leenjistootaan darbaa ture dhiimma jabaa beellamni qabamuufii hin qabne ta’uu leenjitootnis irratti walii galuun, gara fuulduraattis waliin irratti hojjatamuu akka qabanis dhaaman. Keessummaattuu hojiiwwaaan akka mirga namooma kabachiisuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi bulchiinsi gaariin biyya keenya keessatti akka mirkanaahuuf carraaquu hojii nuti harka marannee mootummaarraa qofa eegnu miti kan jedhan leenjitoonni kun, isaanis gama isaanitiin media hawwaasaatti fayyadamuun hawwaasa isaanii bal’aaf hubannoo akka irratti akka hojjatan himanii jiru.

Haaluma walfakkatuun leenjiin guyyaa sadaffaa fi afraffaammoo dhimmoota midiyyaa, odeeffannoo fi digital literacy irratti xiyyeeffatee kennamaa kan turedha. Leenjiin dhimmoota kanarratti kennamaa ture kun guyyaa lama kan fudhate yoo ta’u, ogeessi leenjii kana kennaan gahuumsa guddaa qaban itti dabaluun haala qabatama biyya keenyaa keessumattu aadaa itti fayyadama midiyyaa hawwaasaa fi midiyaalee idilee akkasuma odeeffannoo arganne dhugummaa isaa adda baafachuurratti rakkoo hawwaasni keenya guutun qabu furmaata isaatis kaasaniiruu. Kana malees leenjitootni leenjicha fudhatan kun guyyaa leenjiin kun xumurammerra kaasanii odeeffannoo qulqulluu argachuurratti rakkoo hawwaasni keenya qabu furuu akka qaban imaanaa itti kennatanii jiru.

Kana malees guyyaa shanaffaa fi jahaffaan guyyaa itti leenjiin gochaa leenjitootaaf kennamaa ooleedha. Kunis karaa ittin leenjitoonni waan leenji’aan sana hojiitti hiikuu danda’an irratti xiyyeeffachuun keesummaattuu akkaataa ittiin dhugummaa odeeffanoo tamsaafame tokkoo (fact checking) fi verification ittin adda baasuun danda’amu irratti leenjii fi hubannoo gahaan kennamee itti ooleedha. Kunis kayyoon isaa burjaajjii fi odeffannoo sobaatin gowwomfamuu hawwaasa keenya balleessuuf akka ta’es himamee jira.

Xumura leenjichaa irratti karooraa fi galtee hojii kanaatiif mariin sa’aatii jahaa olii gaggeeffamaa kan ture yoo ta’u, maricharrattis yaadonni yaadoonni garagaraa ka’ee jira. Keessumaa dhimmoota ijoo sadan qabiinsa mirga namoomaa, olaantummaa seeraa fi bulchiinsa gaarii irratti akka guutuu biyyaattitti irratti hojjachuuf karoorfamee hojiitti hiikuuf sochohamaara. Bu’uruma Kanaan hojiin hoggantootaa fi qaamota dhimmi ilaallatu kan seektaraalee mootummaa keessa jiranif hubannoo uumuu fi hawwaasaa bal’aaf ammo duulaa kara midiyyaa hawwaasatiin bira gahuuf yaadamee ture guyya xumura leenjii sana irra eegalee hojiitti seenamee jira.

Duula kana irratti namoonni midiyyaa hawwaasaa irratti hordoftoota bay’ee qabanis hirmaachaa jiru, kunis dhimmichi dhimma hunda keenya akka ta’ee agarsiistuu tokkoodha.

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB