loader image

Guyyaa lammaffaan Leenjii dhimma Miidiyaa, Odeeffannoo fi digital literacy irratti gaggeeffamaa jira

Guyyaa lammaffaan Leenjii dhimma Miidiyaa, Odeeffannoo fi digital literacy irratti gaggeeffamaa jira

leenjiin kun kan kennamaa jiru Bishooftuu Hoteela Kilole keessatti yoo ta’u, hirmaattonni leenjii kanaas Hojjettoota CDCB, Tola ooltotaa fi ogeeyyii miidiyaa mootummaa fi dhuunfaa yoo tahan, Leenjichi qindeessummaa wirtuu Misoomaa fi Ijaarsa Dandeettii fi waltahinsa deeggarsa dhaabbata National Endowment for Democracy (NED)n kan qophaa’eedha.

Qabiyyeen leenjii guyyaa lamaaffaa kanas hiikaa media literacy akkasuma eenyuun media literate jechuu dandeenya kan jedhus kan hammatu yoo ta’u; barbaachisummaa literacy miidiyaa fi odeeffannoo; xiinxala qabiyyee miidiyaa fi odeeffannoo; qorannoo madda miidiyaa irratti; xiinxala maddoota oduu toora interneetii irratti; Intarneetii fi Miidiyaa Hawaasaa hubachuu; fi naamusaan itti fayyadama Miidiyaa Hawaasaa irratti kan xiyyeeffateedha.

     Leenjii guyyaa lammaffaa kana kan Leenjisaan, Dr. Yohanes Shiferaw barbaachisummaa fi dhiibbaa miidiyaa akka ibsanitti,  miidiyaaleen hawaasaa hawaasa har’aaf madda odeeffannoo ijoo ta’uu fi jireenya guyyaa guyyaa hawwaasa keenyaa keessatti murteessoo ta’anii kan argaman ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis odeeffannoowwaan yeroo amma kana mandara tokko keessaa kara midiyyaa hawwaasaa irratti maxxanfaman daqiiqawwaan muraasa keessatti adunyaa guutuu wal gahuu himuun kunis dhiibbaa midiyyaa hawwaasaa tahus ibsee jira. Dhiibbaa tekinoolojiin jiruuf jireenya hawwaasaa irratti geessisuu fi keessumaattimmoo dargaggoota irratti odeeffannoowwan yeroo gara yeerotti maxxanfaman dhiibbaa olaanaa akka geessisus ibsaniiru. Kanaaf furmaanni guddaan dargaggoota keenyaa fi hawwaasa keenya media literacy fi information literacyn walitti madaaqsuu tahus ibsaniiru. 

Previous Day two Training on Media, Information and Digital Literacy underway

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB