loader image

Jalqabbii Pirojektii CDCBtii fi Miidhaa Hongeen Godina Boranaatti Geessise

Wiirtuu Misoomaa fi Ijaarsa Dandeetti yookiin Center for Development and Capacity Building (CDCB)n michuu (wahiila)isaa adda duree kan ta’e dhaabbata Voluntary Service Overseas (VSO) jedhamu waliin wal ta’uun proojektii haraa godina Booranaa, Anaalee Miyoo fi Moyaalee keessatti hojjechuuf karoorfatee ture hoojiirra oolchuuf torbee jalqabaa ji’a gurraandhala bara 2023 keessa sochii jalqabee jira.

Kaayyoodhuma hojii kanaatif gareen nama lama qabuu CDCB irraa fi hojjettoota Voluntary Service Overseas (VSO) of keessatti hammate gara iddoo projeektiichaatti kan bobbaafaman yoo ta’u, gareen iddoo proojektichaatti argame kun haldureewwaan kan akka hojjeettoota ramaduu, iddoowwaan piroojeektiitti waajjiraalee banachuu fi qaama mootummaa naannoo sana jiru waliin marii bal’aa haala wantoota hojiirra oolmaa (raawwii) piroojektii kanaatiitti danqaa ta’an furuun danda’amu irratti gochuudhan sochiiwwaan jalqabbii hojii xumure jira.

Jalqabbii piroojektii CDCB tii fi miidhaa hoongeen godina Boranaatti mudate geessise ilaalchisee.  

 Akkuma beekkamu piroojektii kun kan inni irratti kayyeeffatee hojjatamaa jiru madaallii ijaarsa nageenyaa fi misoomaa waaraa dhimma namoomaa irratti fiduuf naannoo daangaa Itiyoopiyyaa fi keeniyyaaa irraatti tattaaffi godhamu jabaa taasisuufidha.

Hojjeettoonni keenya yeroo ergama hojii isaani bahachaa turanitti, bal‘ina hongee fi gogiinsa bonni godina boorana keessatti muudatee fide kanaan wal qabatee hawwaasni naannoo Sanaa balaa hamaa keessa jiraachuufii lubbuun turuufillee wabii homaatu akka hin qabne barachuu dand’ani jiru.

Midhaawwaan hoongee Kanaan qaqqabe.

Hawwaasni godina booranaa keessa jiraatu waggoota Jahan darbaniif walitti bu’iinsaa fi hoongee hamaa walitti fufaa ta’eef saaxilamaa turee jira. Sababa jijjiirama qilleensaatii fi hanqinq roobatiin qabeenyaa guddaa ummata Borana kan ta’e horiin miliyoonatti lakkaahamu nyaataa fi bishaan dhabuun du’anii jiru. Ummanni Lakkoofsan bay’ee ta’us nyaata gahaa fi yaala fayyaa dhabuun dhukkubsata ta’ee sireerratti akka hafu taasisee jira. Kanamalees qaamni isaanii fi garaan isaani nyaata gahaa dhabuu irraa kan ka’ee garmalee walitti shunturee jira. Karaa biraatiin miidhaan qaqqabe kun hamaa akka ta’u kan godhe qaamonni dhimmichi isaan ilaallatu xiyyeeffannoo itti kennuu dhabuu isaaniti. Haalli kun ammootu hawaasichi rakkoo hawaasummaa, qama, xiinsammuu fi dinagdeef akka saaxilamu taasisee jira. 

Hawwaasummaa:  Hawwaasni booranaa qabeenya isaa kan ta’e loon kan dur hanga fedhe qabaachuu isaatiin ittiin boonu sana yeroo amma kanatti dhabee jira. Ummnni kun sababa rakkoo amma isaan mudate kanaatif jecha iddoo qubsuma yeroo dheeraaf keessa jiraachaa turan gadhiisaanii bahuuf dirqamanii jiru. Hawwaasni kun yeroo hunda lafa dheedaa fi bishaan loon isaanitiif barbaduuf iddoo tokkorraa gara biraatti kan godaanaan yoo ta’u, kun immoo olla isaanitii fi jireenya hawwaasummaa ummata duraan waliin jiraachaa turan waliin qaban akka dhaban isaan taasisa. Kan biraan namoonni bay’een badiyyaarra gara magaalattis galaa kunimmoo bittinnaahuu maatiiwwaan hedduutif sababa ta’ee jira. Aadawwaan boonsaan hawwaasni boranaa dur qabus gutummaatti bada jira. Aadaan biraa hawwaasni boranaa dur ittiin beekkamu keessummaa simachuu, erga simateen boodammoo annanii fi foon lachuufiidhan beekkama jedhamee kan haasayyamuuf hawwaasni kun yeroo ammaa kanammoo ofiisaatifuu waan nyaate fi dhugee bulu dhabee jira. Kanaaf hongeen amma godina booranaatti muudatee kun hawwaasummaa irrattillee miidhaa cima geessisaa jira jechuudha.

Dinagdeedhaan: Hawwaasni booranaa kun sababa hoongee isaan muudate kanaatin loon isaa guutummaatti dhabee jira. Odeeffannoowwaan garagaraa naannoo sana bahaa jiran akka agarsiisaanitti, Gaalli dur hongeen jiraatus osoo bishaan hin dhugin yeroo dheeraa jiraachuu sababa danda’us hongee bara kanaa muudate kun haalan dheerachuu isaatiin irraa hafuu akka hin danda’in himamaa jira. Hongeen kun qaala’insaa jireenya fiduun rakkoo diinagdee biraatif hawwaasa kana saaxila jira. Kunis Ummanni Booranaa loon isaa gatii gad bu’aadhan gurguree nyaata xiqqaa isaammoo gatii qalii ta’een akka bituuf dirqamuudhaf sababa ta’ee jira. Odeeffattoonni tokko tokko akka ifoomsanitti, hawwaasa boorana kana hoongeen kun humnaa ol itti hammaatus, safuu fi safeeffaannaaf jecha nyaataa fi bu‘uraalee jireenyaaf isaan barbaachisullee kadhachuurra jechuun harka maratanii ta’aa akka jiran himamaa jira. kanaaf dinaagdeen isaani dur ummata booranaatifii mitii ormaafuu ta’u sun yeroo amma kana hongee muudate Kanaan zeerootti deebi’e jira jechuudha.

 

The following pictures were taken by the CDCB staff members during their recent travel to the area

Once selected breed of the Borana cattle are now left in skeleton!
Once selected breed of the Borana cattle are now left in skeleton!
Once selected breed of the Borana cattle are now left in skeleton!
Once selected breed of the Borana cattle are now left in skeleton!
The cow staggering in the hands of a women who attempts to help both affected by the drought
The cow staggering in the hands of a women who attempts to help both affected by the drought
This is NOT a cultivated land as it seems; it is pasture land rendered barren by the current drought. The herd seen on the barren land seem to pick anything they could.
This is NOT a cultivated land as it seems; it is pasture land rendered barren by the current drought. The herd seen on the barren land seem to pick anything they could.

Connect With Us

Meskel Square Science and Technology Building 5th Floor

Mon – Fri: 8:00 am – 5:00 pm

P.O. Box: 25024 Code 1000

Join the Community

Get latest CDG news, articles, and resources, sent straight to your inbox every month.

Copyright © 2022 CDCB | Powered by CDCB